Address: Modjo, Ethiopia
blog img

Jilli Sadarkaa Ittaanaa Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Qindeessaa Kilaastera Magaalota Oromiyaa Obbo Masfin Malaakuutiin Durfamu Magaalaa Mojootti Argamuun Hojiilee Misooma Horsiisa lukkuu Modjo Poultry Farm Daawwatan.

Jilli Sadarkaa Ittaanaa Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Qindeessaa Kilaastera Magaalota Oromiyaa Obbo Masfin Malaakuutiin Durfamu Magaalaa Mojootti Argamuun Hojiilee Misooma Horsiisa lukkuu Modjo Poultry Farm Daawwatan.

Jilli kun hojiilee misoomaa MODJO_POULTRY_FARM Horsiisa Lukkuu, haala ijaarsa bu’uuraalee misoomaa fi adesa horsiisa lukkuu kanaa daawwachuun sochiin misoomaa horsiisa lukkuu jalqabame kun jajjabeessaa fi kan daran cimee itti fufuu qabu ta’uu Obbo Masfin dhaamaniiru.

Daawwannaa kanarratti Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Mojoo Obbo Gaazaalii Hashuu argamuun hojiileen misoomaa Modjo Poultry Mpf Keessatti Hojjetamaa Jiran kan Fayyadamummaa Ummataa mirkaneessan, carraa hojii uuman, guddinaa fi misooma Magaalaa saffisiisanii fi imala jijjiiramaa mootummaan Eegale milkeessuuf kan kaayyeffatan ta’uu dubbataniiru.

Hojii gaggeessaan Olaanaa Dhaabbata MODJO_POULTRY_FARM kan ta’aan Dr Taarraqany Geetaachoo Dhaabaa gama isaaniitiin sosochiin misooma horsiisa lukkuu dhaabbata MODJO POULTRY FARM keessatti jalqabamee kun yeroo dhihoo keessatti akka milkaa’iina guddaa argatuuf Deegarsa mootummaan federaalaa fi naannoo oromiyaa taasiisaa jiran galateeffachuun , hojiin misoomaa MODJO POULTRY FARM jalqabamee kun naannoo keenya irra darbee biyyaaf lafee dugdaa akka ta’uu abdii guddaa qaban ibsuun yeroo ammaa kanas MODJO POULTRY FARM dargaggoota hojii dhabdo 300 ol ta’uuf carraa hojii akka uumee jiruu eeraniiru.

Leave a Reply