Address: Modjo, Ethiopia
blog img

Hooggantootni Mootummaa Federaalaafi Naannoo Keenyaa waliin ta’uun Modjo Poultry Farm tti Daawwannaa Hojii Gaggeessan.

Daawwannaan kun kallattii ijaarsa dinagdee damdaneessaa Mootummaan Jijjiiramaa biyyaafi naannoo keenyaa hordofaa jiru agarsiisuuf carraa gaarii ture kan jedhan kabajamoo Obboo Shimaliis Abdiisaa Horsiisa Lukkuu Moojoo poultry farm kun tarsiimooleen hojiitti hiikamaa jiran keessa tokko tahuun ibsuun investimantii biyya alaafi biyya keessaatiif gahumsa hawwataa mijeessaa jiraachuu isaanii kan ragaa bahaniidha jedhanii jiruu.

Dabalataaniis kabajamoon pireezdaantii mootummaa Naannoo oromiyaa Obboo shimaliis abdiisaan akka jedhaniitti Mootummaan Naannoo Oromiyaa, carraalee jiran adda baasuufi duguugee fayyadamuun, naannicha giddugala omishaalee dorgomaafi carraa hojii baldhaa itti argamu taasisuuf ittifufiinsaan hojjetaa jiraachuu muldhateera.

Akkaatuma imaammata dhimma alaa Mootummaa Riippaabilika Dimokraatawaa Federaalaawaa Itiyoophiyaatiin, walitti dhufeenyafi hariiroo obbolummaa obboloota keenya Naayijeeriyaafi biyyoota Afrikaa biroo waliin qabnu caalaatti cimsuuf fuulduratti kan hojjennu ta’a kan jedhan kabajamoo pirezidaantii Naannoo Oromiyaa obboo shimaliis Abdiisaan Dhumarrattis daawwannaa isaaniif, Kabajamoo Pirezidaantii Itti Aanaa Kaashiim Shettimaafi miseensota jila daawwannaa kanaa maraf, maqaa isaaniif maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin galata olaanaa dhiyeessanii jiru.

Tags:

Leave a Reply